Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC) – Kaayyoon eenyummaa diijitaalaa namni tokko amanamaa ta’uu isaa mirkaneessuudha jedhan Qindeessaa Olaanaafi Too’ataa Galmee Eeenyummeessaa Diijitaalaa obbo Hayiluu Indaalkaachoon.
Eenyummeessaan Diijitaalaa amantummaa dabaluun Itiyoophiyaa Diijitaalessuun diinagdee guddisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu dubbatan.
Akkuma bu’uuraaleen misoomaa biroon misooma biyyaa keessatti gahee olaanaa qaban eenyummaan diijitaalaas guddina biyyaaf bu’uura murteessaa ta’uu kaasan.
Hanga bara 2019tti lammiilee miiliyoona 90 galmeessuuf hojjetamaa jira jedhan obbo Hayiluun.
Itiyoophiyaatti lammiileen miiliyoonni 40 waraqaa eenyummaa dhabuu isaaniin faayidaawwan hedduu dhabaniiru jedhan.
Lammiileen wayita waraqaa eenyummeessaa diijitaalaa kana maxxanfatan of eeggannoo gochuu qabu kan jedhan, ammatti waraqaa sadarkaa isaa eeggatee fi seera qabeessummaa isaa eegeen akka maxxansan eeyyama kan argatan Itiyoo Teeleekoomii fi Itiyoo Poostaa qofa ta’uu hubachiisan.
Kaayyoo guddaan eenyummaa diijitaalaa nama tokkoo sirnaan beekuu fi amanamaa ta’uu isaa mirkaneessuudha jedhan.
Jiraataan tokko erga eenyummeessaa diijitaalaa fudhateen booda bakka jireenyaa yoo jijjiirate/tte bakka amma qubatan sanatti teessoo isaanii haareffachuu qabu jechuun hubachiisan.
Kana jechuun teessoo fi ragaa jijjiiruu yookaa haaressuu ni danda’ama, ashaaraa garuu jijjiiruun hin danda’amu waan ta’eef hanna, burjaajii fi waliindhahuu hir’isuuf qooda olaanaa qabaachuu eeran.
Waliigalaan Eenyummeessaan Diijitaalaa mirga seeraan argachuu qabdu karaa amanamaa fi dhugaa ta’een akka argattuuf shoora olaanaa akka qabu dubbatan.
Iddoo kamittuu faayidaalee fi tajaajilootaa lammiin tokko argachuu qabu karaa sirrii fi seeraan akka argatu waraqaan eenyummaa diijitaalaa wabii olaanaa ta’uu himan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.