Finfinnee, Fulbaana 15, 2018 (FMC)- Poolisiin Magaalaa Finfinnee Kabaja ayyaana Daamaraa Masqalaa sababeeffachuun daandiiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaman ifoomseera.
Ayyaana Daamaraa guyyaa boru kabajmuuf boru waaree dura sa’aatii 4:00 eegalee daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaman ifoomaniiru.
Haaluma kanaan:-
• Addabaabayii Qulqulluu Uraa’eelii gara Adabbaabayii Masqalaatti kan fudhatan Addabaabayii Uraa’eeliitti,
• Kallattii Booleen gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu Addabaabayii Oloompiyaatti,
• Masqal Filaaweerii gara Olompiyaa kan fudhatu addabaabayii Gaazeebootti,
• Siinimaa Agoonaa gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu Addabaabayii Xilahuunitti,
• Ibsaa Laga Harree gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu ibsaa Laga Harreetti,
• Qaxxaamura Teelee gara Istaadiyeemii kan fudhatan Qaxxaamura Teeleetti,
• Hoteela Raasii gara Istaadiyeemii kan fudhatu Hoteela Raasitti,
• Ibsaa Harraambee yookaa Siinimaa Ambaasaaddariin gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu, Ibsaa Harraambeetti,
• Masaraa Biyyaalessaa gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu Masaraa biyyaaleessaatti,
• Sheelii Qarsaa gara Baambiis kan fudhatu, Sheelii Qarsaa cinaatti,
•Hoteelaa Juppitarii gara ECA kan fudhatu Gamoo Saalkootiitti kan cufamu ta’uu ibsera.
Boru waaree dura sa’aatii 4:00 eegalee hanga sagantichi xumuramutti tajaajilamtoonni filannoo birootti akka fayyadamauun himeera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.