Finfinnee, Bitootessa 9, 2018 (FMC) – Ayyaana Iid Al Faxir waggaa kuma 1 fi 447ffaa Jimaata dhufu kabajamu hordofee daandiwwan tajaajila tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomaniiru.
Haaluma kanaan:_
👉Magganaanyaa Addabaabayii 22’n gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, Ibsaa Atilaasii fi Piikookitti,
👉Walloo safarii gara Addabaabayii Olompiyaan kan fudhatu, Addabaabayii Olompiyaatti,
👉Qaxxaamura Agoonaa gara Addabaabayii Xilahuun kan fudhatu, Addabaabayii Xilahuunitti,
👉Ibsaa Bulgaariyaa karaa Hoteela Gannatiin Addabaabayii Caffee Aannanii kan fudhatu, Ibsaa Bulgaariyaatti,
👉Xoor hayiloochii karaa Mana Murtii olaanaan Addabaabayii Caffee Aannanii kan fudhatu, Addabaabayii Mana Murtii olaanaatti,
👉Markaatoo karaa Taklaayimaanootiin gara Xiqur Ambassaa kan fudhatu, Addabaabayii Taklaayimaanootiitti
👉Baaroo kormaan gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, Addabaabayii Teediroositti,
👉Addabaabayii Daalattiin gara Ministeera Dhimma Alaa kan fudhatu, Addabaabayii Daalattiitti,
👉Naannawaa Siiginaalii karaa Addabaabayii dubartootan gara Addabaabayii Qarsaa kan fudhatu, Addabaabayii dubartootaatti kan cufamu ta’uu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Jimaata barii sa’aatii 11:00 eegalee hanga sagantichi xumuramutti konkolaachiftoonni filannoo biraa akka fayyadaman hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia