Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC) – Humni Waloo Nageenyaa kabaja Ayyaana Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa sababeeffachuun daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomse.
Ayyaana Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa guyyaa boru yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajamuuf qophiin barbaachisu xumuramuu hime.
Haaluma kanaan hanga ayyaanichi kabajamee xumuramutti daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomseera.
👉 Baaroo Kormaan karaa Addabaabayii Teediroosiin gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu ibsaa Baankoo Diiroomaatti,
👉 Kiiloo 4 karaa Raas Makonniin gara Addabaabayii Miniliik kan fudhatu, ibsaa daandii Raas Makonniinitti,
👉 Hospitaala Yekkaatiit 12 karaa Afincoo Barriin gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu, Afincoo barriitti,
👉 Iriiba Kantuun karaa Gamoo Elektirikaan gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu, Koondomiiniyeemii Qayi Bahiiritti,
👉 Addisuu Gabaa karaa Hooteela Sameeniin gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu, Ibsaa Sameenitti,
👉 Markaatoo karaa Abunee Pheexiroosiin gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu , Riqicha Habtagiyoorgisitti,
👉 Karaa Qidduus Yohaannisiin gara Addabaabayii Minilikii kan fudhatu, Ibsaa Qidduus Yohaannisitti, boru ganama sa’aatii 12:00 eegalee hanga kabajichi xumuramutti cufaa ta’uu himeera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.