Finfinnee, Fulbaana 22, 2018(FMC) – Poolisiin Magaalaa Finfinnee kabaja ayyaana Irreecha Hora Finfinnee sababeeffachuun daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomse.
Haaluma kanaan boru waaree booda sa’aatii 6:00 irraa eegalee ayyaannichi kabajamee hanga xumuramutti daandiiwwan armaan gaditti eeramaan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’uu ifoomseera.
1.Daandiin Addabaabaayii Caffee Aannanii irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geesu Caffee Aannaniitti,
2. Daandiin Walloo Safarii irraa Addabaabaayii Masqalaa geessu Olompiyaatti,
3.Daandiin Qeeraa irraa Caffee Aannanii geessu Bulgaariyaatti,
4.Daandiin Markaatoo irraa gama Taklaayimaanotiin gara Tuqur Anbassaa geessu Bataskaana Taklaayimaanotiitti,
5. Daandiin Addabaabaayii Uraa’el irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu Addabaabaayii Uraa’eliitti,
6. Daandiin Kallattii Booleen gara Addabaabaayii Masqalaa Addabaabaayii Olompiyaatti,
7. Daandiin Masqal Filaawor irraa gara Olompiyaatti geessu Addabaabaayii Gaazeebootti,
8.Agoonaa Siinimaa gar Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu, Addabaabayii Xilahuunitti,
9.Ibsaa Laga Harree gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu Ibsaa Laga Harreetti,
10.Qaxxaamura Teeleen gara Istaadiyeemii kan fudhatu, Qaxxaamura Teeleetti,
11. Hoteela Raasii gara Istaadiyeemii kan fudhatu, Hoteela Raasiitti,
12.Ibsaa Harraambee / Siinimaa Ambaasaaddarii gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu, Ibsaa Harraambeetti,
13. Addisuu Gabaa gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu Baankoodiiroomaatti,
14. Masaraa Biyyaalessaa gara Addabaabayii Masqalaatti kan fudhatu, Masaraa Biyyaalessaa cinaatti.
15.Sheelii Qarsaa gara Baambiis kan fudhatu Sheelii Qarsaa cinaatti,
16. Hoteela Jippiitariin gara ECE kan fudhatu, Gamoo Saalkoot cinaatti kan cufamu ta’uu hubachiiseera.
Sababa kanaan imaltoonni Boru waaree booda sa’aatii 6:00 filannoowwan biroo akka fayyadaman hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.