Finfinnee, Mudde 19, 2018 (FMC) – Kabajni ayyaana waggaa qullubbii Gabre’eelii milkiin xumurame jedhe Poolisii Federaalaa.
Hordoftoota amantaa Ortodoksii waloomaan waggaatti yeroo lama kan kabajamu ayyaanni waggaa ergamaa qulqulluu Gabre’eelii har’a qullubbiitti kabajame milkiin xumurameera jedhe.
Ayyaanichi akkaataa duudhaa, aadaa fi barsiifata amantichaa eegeen karaa tasgabbii qabuun kabajamee ooluu hime.
Poolisiin Federaalaa qaamolee kabajni ayyaanichaa milkiin akka xumuramu qooda bahatan hunda galaffateera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.