Kaffaltoonni gibiraa adabbiirraa ooluuf nagahee maxxanfame fudhachuu qabu – Ministeericha

Finfinnee, Amajjii 1, 2018 (FMC) – Kaffaltoonni gibiraa adabbiirraa ooluuf nagahee maxxanfame fudhachuu akka qaban Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.

Nagaheen koodii addaa gurgurtaa harkaa harkattii guutummaatti hambisu hojiirra ooluu hordofee Daayrekterri Kominikeeshinii ministeerichaa Bafirduu Masarat Faanaa Diijitaalitti akka himanitti waliin dhahiinsa taaksiirratti raawwatamu hambisuuf nagahee haaraa hojiirra oolchuun dirqama ta’eera.

Nagaheen kun teeknooloojiin kan deeggarame koodii addaa ijaan hin mul’anne kan qabuu fi akka biyyaatti hojmaanni walfakkaatu akka jiraatu taasisuudha jechuun ibsan.

Akkasuma nagahee seeraan alaa ittisuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasan.

Kanaaf kaffaltoonni gibiraa hundi nagahee kan maxxansiifachuun dirqama ta’uu yaadachiisan.

Kaffaltoonni gibiraa adabbiiwwan adda addaarraa ooluuf nagahee manxanfame kana fudhachuu qabu jedhan.

Qaamoleen nagahicha hin arganne koree kaffaltii gibiraa hordofuuf beeksisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment