Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC)- Kaffaltoonni gibiraa kuma 33 ol sirna elektirooniksiin fayyadamuun gibira kaffalaniiru jedhan Minster Deetaan Ministeera Galiiwwanii Daawiit Wubisheet.
Kaffaltii sirna daataa bu’uureffate ijaaruu fi dijiitaalessuu dhugoomsuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu eeranii, bara 2025 tti kaffaltoonni gibiraa Kumni 58 mala elektrooniksii fayyadamuun gibira kaffaluuf beeksisuu isaani fi kumni 33 ammoo kaffaltii raawwachuu ibsaniiru.
kaffaltiin gibiraa mala elektirooniksii bara 2013 hanga 2017 tti kuma 6 fi 762 qofa ture yeroo ammaa gara kuma 33tti guddachuun fayyadamaan dijitaalessuu hojii irra oolchuun gara sirnichaatti galaa jiraachuu akka argisiisu Obbo Daawit dubbataniiru.
Ergamni dhaabbatichaaf kenname tokko gibira dinagdeen maddisiisu walitti qabuu akka ta’e kaasanii, kanaanis bara 2013 gibirri birrii biliyoonni 200 fi biliyoonni 79 ol walitti qabame, bara 2017 tti gara biliyoona 900tti ol guddachuu himaniiru.
Bara baajetaa eegalame kanattis tiniiliyoonaan raawwachuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
kana milkeessuuf dhaabbilee biroo waliin qindoominaan hojjechuu cinatti, tajaajila giddugala tokkoo Masoob fayyadamuu fi hojimaata tekinooloojii bu’uureffate hojiirra oolchuun akka barbaachisu dubbatan.
Sirna taaksii gara bulchinsa taaksiitti jijjiiruun qaawwota turan furuufi aadaa hojii fooyyessuun milkaa’uuf hojjetamaa akka jirus kaasaniiru.
Sirni dijitaalaa gibira walitti qabuun dura hamma galii argamuu malu beekuu akka dandeessises eeraniiru.
Kaffalaan gibiraa karaa tuttuuqqaa namaa irraa bilisa ta’een sirna mala dijitaalaan gibira kaffaluu dandeessisu babal’isuuf Ministeerichi hojjechaa jiraachuus dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.