Kantibaa Adaanech Abeebeen Atileetota buleeyyii rakkoo hawaasummaaf saaxilamaniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC) –Kantibaan Magaalaa Finfinnse Adaanech Abeebeen Atileetota buleeyyii biyyaaf oolmaa guddaa oolanii fi rakkoo hawaasummaaf saaxilamaniif deeggarsa taasisaniiru.

Atileetota buleeyyii sababa umrii, fayyaa fi sababoota garaagaraan rakkoo hawaasummaaf saaxilaman Waldaa Atileetota Itiyoophiyaa waliin ta’uun adda baasuun deeggarsa taasifneerra jedhan Kantibaa Adaanech Abeebeen.
Haaluma kanaan:-
1- Komaandar Atileet Geexee Urgeef Birrii miiliyoona 10 fi mana jireenyaa abbaa ciisicha 3 meeshaalee guutuu waliin, akkasuma dhibee ishee mudateef ammaa deeggarsa yaalaa,

2-Atileet Waamii Birraatuu,

3 -Atileet Axiree Bazzaabbihi,

4- Atileet Shawaangizaa Warquu,

5- Atileet Warquu Baroo,

6- Atileet Girmaa Waldahaannaa,

7-Atileet Shamsuu Hasan,

8- Atileet Shaayituu Shifarraa
9- Atileet Zawdee Hayilamaariyaam,

10 Atileet Getaachoo Kabbadaa fi

11- Atileet Waldee Roobaleef tokkoon tokkoo isaaniif Birrii miiliyoona 2 deeggarsa taasisuu ibsan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment