Finfinnee, Amajjii 27, 2018 (FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen ijaarsa gamoo mana jireenya barsiisootaa eegalchiisaniiru.
Ijaarsa Gamoo mana jireenya Barsiisootaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti eegalchiisaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hanqina mana jireenyaa furuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu kan ibsan Kantibaa Adaanech Abeebeen, yeroo itti aanuus cimee itti fufa jedhan.
Barsiisoonni kumni 6 fi 194 waldaalee 57 gurmaa’uun % 25 Birrii biiliyoona 3. 8 ol kan qusatan yoo ta’u, % 75 ammoo liqaan haalli mijachuu kaasaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Lafa Kaaree kuma 400 Birrii biiliyoona 24 ol baasi ijaarsa mana jireenyaa barsiisootaaf bilisaan dhiyeessuu dubbatan.
Gaaffiilee barsiisonni dhiyeessan keessaa ijoon dhimma mana jireenyaa ta’uu kan eeran Aadde Adaanech, yeroo ammaa gaaffii isaaniif deebii gahaa kennuuf sosochiin eegalamuu ibsan.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.