Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinee Adaanech Abeebeen sosochii guyyaa tokkotti dargaggoota kuma 30’f sagantaa carraa hojii uumuu eegalchiisaniiru.
Sa’atii 24, guyyaa 7 hojjennee Finfinneefi Itiyoophiyaa jijjiiraa jirra jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen saganticharratti ergaa dabarsaniin.
Lammiileen leenjii yeroo gabaabaan ga’oomanii carraa hojii hatattamaan akka argatan hojiin hojjetame bu’aa argamsiisaa jiraachuu eeran.
Baroota dheeraaf hojii filachuufi tuffachuun guddina barbaadamurra osoo hin ga’in hafuun keenya hinaaffaa keessa nu galchuu qaba jedhan.
Dhaloota rakkoof furmaata laatu ijaaraa jirra jechuun kaasan.
Carraalee hojii jiran qorannoon adda baasuun carraa hojii uumaa hojii dhabdummaa magaalichaa hir’isuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Kantibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Magaalaa Finfinnee obbo Miliyoon Maatiwoos.
Bara baajataa darbe keessa lammiilee kuma 300 fi kuma 66 oliif carraan hojii uumamuu ibsan.
Bara 2018 keessas lammiilee kuma 300 fi kuma 50’f carraa hojii uumuuf karoorfamuu himuun, baatiwwan arfan darban keessa lammiilee kuma 100 fi kuma 58’f carraan hojii uumamuu dubbatan.
Dhaabbilee leenjii fi ogummaa 14 keessatti dargaggoota leenjisuun carraan hojii uumamaa akka jiru ibsan.