Kantiibaa Adaanech Abeebeen Ayyaana Mawuliidaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Mawuliidaa sababeeffachuun hordoftoota Amantaa Islaamaaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Hordoftoota amantaa Islaamaa hundaaf Baga Ayyaana Mawliidaa Nabiyyuu Mahaammad (S.A.W) kuma 1 fi 501 ffaaf nagaan geessan jedhan.

Ayyaanicha wayita kabajnu akkuma kanaan duraa lammiilee keenya rakkatan gargaaraa, warra hin qabneef qoodaa, warra daaran uffisuun, warra dhukkubsatan gaafachuun ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment