Kantiibaa Adaanech Abeebeen giddugala yaala fayyaa birrii biiliyoona 3.5 ijaarame eebbisiisan

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2017 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen giddugala yaala fayyaa ‘Beetasaayidaa Ameerikaa Meedikaal Pilaazaa’ jedhamu birrii biiliyoona 3.5 ijaarame eebbisiisaniiru.

Giddugalichi Hubannoo namtolcheen kan deeggarame Itiyoophiyaatti isa jalqabaa fi giddugala akaakuun addaati jedhan aadde Adaanech Abeebeen.

Giddugala yaala fayyaa Beetasaayidaa Ameerikaa Meedikaal Pilaazaan baasii yaala alaaf bahaa ture kan hir’isuu fi sirna fayyaa Itiyoophiyaarratti sona hedduu kan dabaluudha jedhan.

Giddugalichi yaala fayyaa haphachuu lafee kennuun Itiyoophiyaatti isa jalqabaa ta’uu Waajjira Kaantibaati Itti Gaafatamaan Seekreetaariyaat Pireesii Dooktar Mi’eessaa Eellemaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Tajaajiloota yaalaa Onnee, Buqqee Mataa fi rakkoolee ujummoolee dhiigaa mudatan yaala baqaqsanii yaaluu malee yaaluun Afrikaatti isa jalqabaa ta’a jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment