Kantiibaa Adaanech Abeebeen Haadholii gabaa gullitirratti hirmaataniif Sheedii ammayyaa kennan

Finfinnee, Amajjii 10, 2018 (FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen haadholii kutaa magaalaa Lidataatti gabaa gullitirratti hirmaataniif sheediwwan ammayyaa fi galteewwan dabarsanii kennaniiru.

Kantiibaa Adaanech ergaa dabarsaniin, har’a kutaa magaalaa Lidataatti aduu fi qorra keessatti daandii gubbatti haadholii gabaa xiqqaaan (gullitii) jiraataa turaniif, sheedii daldalaa ammayyaa hojjennee fi galtee barbaachisu hunda guutnee kennineerra jedhan.

Haadholiin kunneen waggoota dheeraaf aduu fi qorri itti wal-jijjiiraa haala rakkisaa keessa ta’anii fayyaan isaanii osoo jeeqamu dirreerratti gabaa xiqqoo qinxaaboon ijoollee kan barsiisanii fi maatii kan bulchan haadholii ciccimoo ta’uu dubbatan.

Kantiibaa Adaanech haadholiin kun har’a kabaja maluuf argataniifi gammadanii arguu keenyatti nutis gammadnee jirra jechuun ibsaniiru.

Magaalichatti bal’inaan kan hojjetame misooma koriidarii akka carraa gaariitti fayyadamuun gabaa xiqqaa durii kaasuun kan ijaarre sheedii daldalaa ammayyaa sadarkaasaa eeggatan ijaaramuun dabarfamanii kennamuu kaasaniiru.

Dabalataanis hir’inni oomishaa akka isaan hin muudanneef giddugala gabaa laaftoo waliin walitti hidhamiinsi akka uumamu taasifamuu himaniiru.

Hawaasni naannichaa qulqulluu kan ta’e, bakka dhaabbii konkolaataa bal’aa, kaafteeriyaa fi manneen qulqullina gahaan guutamee kan ijaarameef bakka gabaa fi haadholii ciccimoo kanneen irraa oomishasaanii bituun akka jajjabeessitan AAdde Adaanech waamicha dhiyeessaniiru.

Misooma namarratti xiyyeeffataniif gochaaleen kunneen mul’istuu ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment