Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Hoji raawwachiistuu olaantuu Faawundeeshinii Invastimentii Fandii Daa’immanii Keetii Haampitaan waliin mari’ataniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen gana miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, har’a hoji raawwachiistuu olaantuu Faawundeeshinii Invastimentii Fandii Daa’immanii (CIFF) Keetii Haampitan fi waahillan hojii isaanii waliin Giddugala Badhaadhomsa Haaroomsaa fi Ogummaa Dubartoota Lenagewaa daawwachuun fuulduratti kallattiiwwan waloon irratti hojjennu irratti marii bu’aa qabeessa gaggeessineerra jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.