Finfinnee, Onkololeessa 15, 2019 (FMC) – Karoora of-danda’uu haqaan milkeessuuf miira yeroo hin qabneen hojjechuu kan gaafatuudha jedhan Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Dooktar Rashaad Kamaal.
Yaadama haaraa tarsiimoo ce’uumsa diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa milkeessuuf karoora of-danda’uu hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu eeran.
Kunis birmadummaa diinagdee mirkaneessuun fedhiifi gaaffii uummataa deebisuun imala biyyaa kan dhugoomsu ta’uu ibsan.
Karoorri of-danda’uu, waggaa shaniif qabamee hojjetamaa jiruun, imala eegalame dhugoomsuun waadaa uummataaf galame kan itti deebii argatu ta’uu kaasan.
Akka waliigalaatti, gamaaggama kurmaana 1ffaa gaggeeffamaa jiruun raawwiin Godina Kibba Lixa Oromiyaa gaarii ta’uu himan.
Hanqinaalee mul’atan kurmaana itti aanu keessatti furuun bu’aa caalu galmeessuuf ni hojjetama jedhan.
Misooma koriidarii eegalaman babal’isuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbachuu ragaan TKO irraa argame ni mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa