Finfinnee, Onkololeessa 3, 2019 (FMC) – Gaaffiin Karra Galaanaa Itiyoophiyaa fayyadamummaa haqa qabeessa, seenaa, Teessuma lafaa fi Nageenya biyyaalessaa waliin kallattiin hidhata kan qabu ajandaa walooti.
Gaaffii karra galaanaa Itiyoophiyaa waltajjiiwwan Dippiloomaasii idil addunyaa fi ardiirratti ajandaa olaanaa taasisuun danda’ameera.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa osoo hin qabaatiin misooma waaraa fi hundagaleessa ummattoota ishee mirkaneessuun hin danda’amu.
Gaaffiin kun deebii argachuun immoo birmadummaa biyyattii gama hundaan eeguu keessatti gahee tarsiimawaa guddaa qaba.
Badhaadhinnii fi birmadummaan Itiyoophiyaa laga abbayyaa fi Galaana diimaa waliin hidhata guddaa kan qabu ta’us, waggoota 30 darbaniif waa’ee isaa dubbachuun akka salphinaatti ilaallamaa ture.
Mootummaan Ida’amuu dhimma birmadummaa Itiyoophiyaa kan ta’e dhimma Karra Galaanaa ajandaa ijoo taasisuun hawaasni idil addunyaa xiyyeeffannoo olaanaa akka itti kennan taasiseera.
Dhimmichi ajandaa biyyaalessaa guyyaa guyyaa akka ta’u taasifamuun, gaaffiin karra galaana qananii osoo hin taane seenaa ofii, qubsamaa fi eenyummaa waliin wal baruu, dhimma of barbaaduu ta’uu hawaasni idil addunyaa akka beeku hojjetameera.
Gaaffichi hanga deebii argatuutti Itiyoophiyaa tattaaffii eegalte cimsitee itti fufti.
Karaa dippiloomaasii fi nagaan deebii akka argatu sosochiin jalqabde itti fufa.
Shira qindaa’aa fi waldubbisaa ta’een Itiyoophiyaan karra galaanaa akka dhabdu godhamuun sirrii akka hin taane hawaasni idil addunyaa hubachuu eegaluun gaaffichi deebii argachuu akka danda’uu abdii uumeera.
Yeroo ammaa shirri baandaa fi diinaa tokkummaa Itiyoophiyaanotaan fashalaa’aa jira.
Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun isaa kan hin oolle ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad irra deddeebiin dubbachaa jiru.
Biyyi Ummata miiliyoona 100 fi 30 ol qabdu shiraan karra galaanaarraa fagaattee fi cufamtee jiraachuun fayyadamummaa haqa qabeessa, seenaa, teessuma lafaa fi nageenya biyyaalessaa waliin kallattiin hidhata waan qabuuf deebii saffisaa barbaada.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa