Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC) – Keeniyaan hariiroo dameewwan daldalaa, nageenyaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti jedhan Pireezidaantin biyyattii Wiiliyaam Ruutoon.
Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon Keeniyaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa kan turan Ambaasaaddar Baacaa Dabalee kabajaan gaggeessaniiru.
Hariiroon biyyoota lamaanii guddachaa dhufuu kan himan Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon, Keeniyaan michummaa dameewwan daldalaa, Invastimantii fi nageenyaa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.
Dabalataani, hariiroo uummataa fi uummataa kan lammiilee biyyoota lamaanii caalmaatti cimsanii itti fufsiisuuf mootummaan isaanii kutannoo qabaachuu ibsaniiru.
Miikiyaa Ayyalaatiin.
#Oromia #Ethiopia