Finfinnee, Bitootessa 8, 2018(FMC) – Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleen miliqfamee baafamuuf kan ture kemiikaalli sammuu hadoochu Kookeeyni jedhamu kiilogiraamni 4.48 qabamuun himame.
Korojoo imalaa shakkamaa Naayijeeriyaa irraa ka’ee gara Hindi deemaa ture keessatti dhokfamee utuu darbaa jiruu to’atamuu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa Faanaa Miidiyaa Korpooreeshiniif odeeffannoo ergeen ibseera.
Tajaajilichi hojjettoota Nageenya Aviyeeshinii fi qooda fudhattoota waliin qindoomee to’annoo fi sakatta’iinsa cimaa geggeessaniin kemiikaala kana to’achuu danda’uutu ibsame.
Kemiikaalichi termiinaala imaltoonni itti keessummeeffaman keessatti meeshaa eksireeyii ammayyaa tolfameen adda baafamuutu ibsame.
Shakkamtichi fi ragaaleen biroo qorannoo dabalataaf Poolisii Federaalaatti dabarfamanii kennamuunis eerameera.
#Oromia #Ethiopia