Kenna Tajaajila Dhaabbiilee Fooyyeessuuf wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo mijeessineerra – obbo Ordiin Badrii

Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC) – Wirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo Mesoob Naannoo Harariitti hojjetame tajaajila jalqabuu,Pireezidaantiin Naannoo Hararii obbo  Ordiin Badrii ibsan.

Komiiwwan kenna tajaajilaarratti hawaasa mudatan furuuf tajaajilli iddoo tokkoo Mesoob gahee gudda qabas jedhan.

Dhaabbileen mootummaa dararaafi dedeebisaa malee hawaasa akka tajaajilaniif kenna tajaajila dhaabbiilee mootummaa foyyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Marsaa jalqabaatiin Dhaabbileen adda addaa torba giddu-gala kana keessatti hawaasa tajaajilu jedhame.

Komishinarri Ittaantuu Koomishiinii Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa aadde Almaaz Massalee, wirtuun tajaajila iddoo tokkoo Mesoob rakkoo kenna tajaajilaa furuun hawaasni dararaa malee tajaajila hedduu iddoo tokkotti saffisan akka argatu gargaara jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment