Kenni Tajaajila Mootuummaa sirnaawaa fi si’ataa akka ta’u mirkaneessuuf kutannoon qabnu ittifufa – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Bara kana yoo xumurru Kenni Tajaajila Mootuummaa sirnaawaa fi si’ataa akka ta’u mirkaneessuuf kutannoon qabnu akka ittifufetti jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti akka ibsanitti, tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob tajaajiloota federaalaa irraa gara naannolee fi bulchiinsota magaalotaatti babal’achaa jira.

Jalabultii bara haaraa kanatti dhaabbilee 13 keessatti tajaajiloota bulchiinsota magaalaa 107 keessatti tajaajila Giddugala tokkoo Masoob Addis ilaalleeras jedhan.

Tajaajila kana akka dhagaa golee bulchiinsa gaariitti fudhachuu fi lammiileen tajaajila yeroo isaa eeggate, ifaa fi qaqqabamaa ta’e akka argatan mirkaneessuuf kutannoo qabnu kan argisiisuu dha jechuun ibsan.

Bara haaraa kanatti wiirtuulee haaraa hedduu ni qabaannaas jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment