Finfinnee, Ebla 14, 2018(FMC)- Kenniinsa tajaajilaa biyyaalessaa irratti jijjiirama bu’uuraa barbaachisa jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, kenniinsa tajaajilaa biyyaalessaa irratti jijjiirama bu’uuraa barbaachisa jedhaniiru.
Utubaalee misoomaa karoorfaman shanan keessaa teeknooloojii damee tajaajilaaf akka meeshaa ijootti fayyadamuun si’aayina tajaajilaafi waliinga’iinsa fooyyessuuf kutannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Sirna kenniinsa tajaajilaa Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob hojiirra oolchuu kan eeggalle yeroo gabaabaa ta’us itti quufiinsi maamiltootaa argame bu’aa qabeessummaa isaa ifatti mirkaneesseera jedhan.
Kunis hojimaata isaa babal’isuun barbaachisaa akka ta’e agarsiisa jedhanii, guyyaa har’aa ifatti kan eebbifame Tajaajilli Masoob Socho’aan( Mobile Service) qaama sosochii hojii kanaa ta’uu ibsan.
lammiileen keenya yeroo isaanii haalaan akka fayyadamaniifi qusannaa yeroo hiika qabeessa akka argatan gochuuf tajaajiloota qindaa’aa kanneen waliingahuuf itti fufna jedhaniiru ergaa isaaniin.
#Oromia #Ethiopia