Finfinnee, Sadaasa 26, 2018 (FMC) – Ejansiin galmee Siiviilii fi Tajaajila Ummataa magaalaa Finfinnee sirna galmee Siiviilii qindaa’aa eebbisiiseera.
Sirnichi Teeknooloojii diijitaalaa sadarkaa magaalichaa madaaluun jiraattootaaf tajaajila kennuun dhamaatii jiraattootaa hir’isuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsan saganticharrattti kan argaman Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Uwwisa hojiilee misoomaa guddisuu fi kenniinsa tajaajilaa caalmaatti si’ataa taasisuuf hojjetamaa jira jedhan Kantibaa Adaanech Abeebeen saganticharratti ergaa dabarsaniin.
Ejansichi tajaajila jiraattootaaf kennu saffisaa, mijataa fi dhaqqabamaa gochuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsan.
Guyyaa har’aas ejensichi sirna galmee siiviilii dhamaatii jiraattotaa hir’isuu fi tajaajila teeknooloojiin deeggarame kennuuf dandeessisu ifoomseera.
Sirnichi Inistiityuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaan kan misoomedha jedhame.
Jamaal Ahimaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.