Finfinnee, Hagayyaa 29, 2017 (FMC)- Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf riifoormii seeraa bal’aa hojiirra oolchuun hojjetamaa jira jedhe.
Yaa’iin Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Marsaa 5ffaan mata duree ‘Haqaan Haqaaf Hojjenna’ jedhuun Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira.
Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo wayita kana, kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf riifoormii seeraa bal’aa hojiirra oolchuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kaayyoon yaa’ii kanaas haala ittiin naamusnii fi ogummaan abbaa alangaa dagaaguu fi kenniinsi tajaajilaa fooyya’u irratti mari’achuu fi kallattii kaa’uu dha jedhan.
Yaa’icharratti Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Gaazaalii Abbaa Simal dabalatee hoggantoonni sektarichaafi Abbootiin Alangaa Magaalota Oromiyaa hundi hirmaachaa jiru.
Asteer Geetaahuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.