“Kiin Itiyoophiyaan ” tokkummaa biyyaalessaa ijaaruu fi seenessa Biyyaalessaa babal’isuuf ga’ee guddaa qabaata – Shawiit Shaankaa

Finfinnee, Amajjii 7, 2018(FMC) – Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaan “Kiin Itiyoophiyaan ” tokkummaa biyyaalessaa ijaaru fi seenessa Biyyaalessaa babal’isuuf ga’ee guddaa qabaata jedhan.

“kiin Itiyoophiyaan ” ayyaana Cuphaa kabajuuf qophii irra kan jirtu Magaalaa Gondar, addabaabaayii Masqalaatti hojii aartii isaa dhiyeessaa jira.
Saganticha irratti Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa dabalatee hoggantoonni naannoo Amaaraa, magaalaa Gondar, keessummoonni biroofi jaarsoliin biyyaa argamaniiru.

Shawiit Shaankaa sirnicha irratti dubbii dubbataniin, “Kiin Itiyoophiyaan ” bifoota adda addaa Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alatti argisiisuun hojii guddaa hojjetaa jira jedhan.

Qophiin aartii magaalaa Gondaritti qopheesses walitti-hidhaminsaa fi tokkummaa uummatootaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu kaasaniiru.

Ogummaan aartii tokkummaa biyyaalessaa ijaaruu fi seenessa waloo babal’isuuf ga’ee guddaa akka qabu hubachisaniru.

Itiyoophiyaa bakka adda addaatti aadaawwan, dudhaalee fi hambaalee dinqisiisoon jiraachuus eeraniiru.

Ogummaawwan aartii ibsituu biyyaa ta’uus dubbatanii, bu’aawwan kanneen cimsuun xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment