Finfinnee, Hagayya 22, 2018 (FMC) –Tapha Piriimer Liigii Ingilaand torbee 2ffaan har’a galgala Kiristaal Paalaas fi Maanchistar Siitiin ni taphatu.
Taphichi galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee istaadiyeemii Seelhaarest Paarkitti taphatama.
Torban darbe istaadiyeemii Itihaaditti qabxii dhiphaan kan injifate Maanchistar Siitiin tapha kana injifachuuf gara dirree seena.
Tapha torban darbeen Eevartaniin kan injifatame Kiristaal Paalaas ammoo miira injifatamuu kana keessaa bahuuf dirree isaa irrattiifi deeggartoota isaa duratti morkii cimaa taasisa jedhameetu eegama.
Abeel Nawaayiin.
#Oromia #Ethiopia