Finfinnee, Hagayya 26, 2017(FMC)- Balaa kirkira lafaa Baha Afgaanistaanitti mudateen lakkoofsi namoota du’anii 800 caaluun gabaafame.
Balichaan namoonni kumni 2 fi 500 ol miidhamuunis ibsameera.
Akka Giddugalli Ji’ooloojii Ameerikaa beeksisetti, naannawaa daangaa Afgaanistaaniifi Paakistaanitti kirkirri lafaa reekter iskeelii 6 gahu mudateera.
Balichaan hanga ammaatti namoonni 812 du’uun kan mirkanaa’e yoo ta’u namoonni miidhaman kuma 3 gahuu akka danda’anis eerameera.
Balichi qabeenya hedduu mancaasuus Dubbi Himaan Ministeera Fayyaa Biyyattii Sharafaat Zaamaan ibsaniiru.
Namoota miidhamaniif deeggarsa yaala fayyaa kennuuf ogeeyyiin fayyaafi qorochoonni gara bakkichaatti geejjibsiifamaa jiraachuu himaniiru.
Ministeerri Ittisaa biyyattiis ogeeyyii fayyaa 30 fi qorichoota kiiloogiraama 800 hospitaalota balichaan miidhamaniif ergeera.
Biyyoonni akka Chaayinaa, Turkii, Azarbaajaan, Hindii fi kanneen biroon balichaan gaddi itti dhagahamuu ibsanii, yeroo kanatti Afgaanistaan cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsuusaanii Al jeeziiraan gabaaseera.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.