Kitaabni ‘Adwaa Injifannoo Cululuqaafi Yaadannoo Waloo Itiyoophiyaanotaa’ jedhu eebbifame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) –  Kitaabni ‘Adwaa Injifannoo Cululuqaafi Yaadannoo Waloo Itiyoophiyaanotaa’ jedhu Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaattu eebbifameera.

Kitaabichi bakka Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee, Af-Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummmataa Obbo Taaggasaa Caafoo,Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, qondaaltootni olaanoo Mootummaa biroo fi keessummoonni waamichi godhameef argamanitti eebbifameera.

Kitaabni Dooktar Ashaaggiree G/Waldi Abdiitiin barreeffame kun Injifannoon Adwaan dura waliin jireenyaafi diinagdeen lammiilee Itiyoophiyaa maal akka fakkaatu odeeffannoo guutuu of keessaa qaba.

Kitaaba fuula kuma 1 fi 18 qabu yoo ta’u, Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi Afaan Ingiliziin barreeffame.

Galiin kitaabicharraa argamu Yaadannoo Injifannoo Adwaa sadarkaasaa ol guddisuuf kan oolu ta’uu ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment