Finfinnee,Waxabajjii 27, 2017 (FMC) – Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah kitaabni “Itiyoophiyaawwii Diimookiraasii Fillagaa” duudhaalee aadaa Itiyoophiyaa kan hammatedha jedhan.
Kitaabni “Itiyoophiyaawwii Diimookiraasii Fillagaa” Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministira Waamamaa Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen barraa’e bakka Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaafi hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannolee argamanitti guyyaa har’aa eebbifameera.
Saganticharratti obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, kitaabichi duudhaalee aadaa Itiyoophiyaa kan hammate.
Fakkeenyummaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hordofuun adeemsi kitaaba barreessuu hoggantoota hundaaf barnoota kan kennu ta’uus ibsaniiru.
Kitaabichi adeemsa diimookiraasii hordofne akka qorannuufi xiyyeeffannoon akka hojjennu kan nu gargaarudha jedhan.
Diimookiraasiirratti jijjiirama barbaadamu fiduuf duudhaalee man-dhalee yaadama ammayyaan wal simsiisuu, aadaa siyaasaa boodatti hafaa jijjiiruufi dhaabbilee diimookiraasii cimsuun barbaachisaa akka ta’e ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.