Finfinnee, Fulbaana 7, 2018 (FMC)- Kitaabni Mootummaa Ida’amuu rakkoolee Itiyoophiyaa gadi fageenyaan kan xiinxaluu fi furmaata kan eerudha jedhan Ministirri Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee obbo Geetaachoo Raddaan.
Kitaabni Mootummaa Ida’amuu Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin barreeffame guyyaa kaleessaa eebbifamuun dubbisaaf gaheera.
Sagantaa eebbicharratti obbo Geetaachoon xiinxalaa kitaabicharratti yaada dhiyeessaniin, kitaabichi haala waliigalaa Itiyoophiyaa kan ibsuudha jedhan.
Keessattuu rakkoolee Itiyoophiyaa gadi fageenyaan kan xiinxaluu fi furmaata waaraa kan of keessaa qabu ta’uu eeruun, rakkoolee bu’uura irraa furuuf murteessaa ta’uus kaasaniiru.
Kitaabichi ilaalcha irratti kan xiyyeeffatee fi gaabbii irraa ka’uun, wantoota diiganii ijaaruurra gaarii jiru itti fufsiisuun badaa immoo sirreesuu irratti akka xiyyeefatu himaniiru.
Kunis imala ilaalcha siyaasaa Itiyoophiyaan kanaan dura deemaa turte kan jijjiire ta’uu ibsaniiru.
Gama biraatiin fedhii bu’uuraa irra darbee mul’ata kabajaan jiraachuu deebisuuf kallattii kan kaa’udha jedhan.
Rakkoolee Itiyoophiyaa adeemsa tureen furuun kan hindanda’amne ta’uu ibsuun, yaadamni ida’amuu hojiirra kan oole kalaqaa fi ariitiin furmaata waaraa argamsiisuu kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.
Kitaabichi dubbisaaf akkaataa salphaa ta’een qophaa’uu himuun, namni hundi akka dubbisu waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.