Finfinnee, Fulbaana 7, 2018 (FMC) – Kitaabonni Ida’amuu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barraa’an arfan har’a kan murteessan, kaleessa waliin kan wal hin dhabne fi egereef daandii kan saaqanidha jedhan Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan.
Dooktar Fitsum Asaffaan sagantaa eebba kitaaba ‘Mootummaa Ida’amuu’ irratti xiinxala kitaabichaa dhiyeessaniiru.
Xiinxala isaaniinis Kitaabonni Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barreeffaman Ida’amuu, Daandii Ida’amuu, Dhaloota Ida’amuufi Mootummaan Ida’amuu wantoota Itiyoophiyaa barbaachisan adda baasanii kan kaa’an ta’uu ibsaniiru.
Rakkoolee keessa darbinee fi keessa darbaa jirru sababoota isaanii waliin kan kaa’anidhas jedhan.
Rakkoolee hedduun yaadota siyaasaa alarraa waraabaman akka jiranitti hojiirra oolchuuf wayita yaalaman kan uumaman ta’uu kitaabilee kanneen keessatti ibsamuu dubbataniiru.
Kitaabileen kunneen bu’aa qabatamaa fiduu eeranii, bu’aaleen kunneen damee siyaasaanis ta’e diinagdeen qabatamaan kaa’amuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.