Finfinnee, Guraandhala 9, 2018 (FMC) – Komiiwwan wayita filannoo ka’aniif deebii hatattamaa seera bu’uureffate kennuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhe Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa.
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa waliin ta’uun komiiwwan dhimma filannoo waliin walqabatanii ka’anii fi maloota furmaata isaaniirratti Abbootii Murtii Federaalaa fi Naannootiif leenjii kennaa jira.
Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa obbo Teewodiroos Mihirat wayita kana, filannichi bilisaa fi loogii maleessa akka ta’uuf bilisummaan dhaabbataa fi dandeettiin akkasumas amanamummaan Abbootii Murtii murteessaa ta’uu kaasanii, leenjiiwwan walitti fufiinsa qaban kennamaa jiraachuu eeraniiru.
Lammiileen mirga filachuu fi filatamuutti akka fayyadamaniif, manneen murtii bilisa ta’uun mirga lammiilee kabachiisuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa aadde Meelaatawarq Haayiluu gama isaaniin, Filannoon Waliigalaa 7ffaan bilisa, haqa qabeessaa fi loogii maleessa ta’ee akka xumuramuuf seerota kaa’aman irratti hubannoo gahaa qabaachuun barbaachisaa ta’uu dubbatan.
Keessumaa qaamolee komii dhiyeessaniifi komii hiikan gidduu hubannoon akka uumamuuf leenjichi qooda olaanaa qabaachuu ibsuusanii ENA’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.