Komishinar Lalisee Dhugaa…

Finfinnee, Onkoloolessa 27, 2018 (FMC)- Tibba kana suurri qalbii namoota hedduu booji’e miidiyaa hawaasaarra naanna’aa tureera.

Suurichi Aadde Lalisee Dhugaa Komishinarri Komishinii Tuurizimii Oromiyaa dhibeen qabamanii hordoffii taasisaa akka jiran kan argisiisu ture.

Isaanis gamaa miidiyaa hawaasummaa isaaiin “Working, Fighting, Becoming” mata duree jedhuun qoodanii turan.

Sagaleen isaanii jabinaa fi abdii kan argisiisu, akka harka hinkennine kan mul’isu ture waraabbii sagalee Faanaa Diijitaaliif ergan irraa kan hubatamu.

Waa’ee suuraa qoodanii fi deebii namootaatti heddu kan raajaman Komishinar Laliseen, kunis hawwii gaarii fi jaalala isaaniif qabanirraa akka maddetti kan fudhatan ta’uu kaasan.

Kanneen miira yaaddoo keessa ta’anii yaada isaanii ibsanii akka jiran kaasanii, “Waaqayyoon nan amanadha, innis na fayyisa” jechuun abdii qaban ibsan.

“Fayyaa guutuunis Istuudiyoo dhufee akka wajjiin haasofnuuf naaf kadhadha” jedhan.

Namoonni dhibee garaagaraan qabamuun kan dhokfatan ta’us, Aadde Laliseen dhibee isaan mudate hawaasaaf beeksisaniiru.

Komishinar Laliseenis dhibee isaan mudate waliin wal’ansoo qabaa jiraachuu faaraa suura isaaniirraa ni mul’ata.

Kaansarii ‘Liimfoomaa” jedhamuun qabamuu himuun, kanaafis wal’aansa barbaachiisu taasisaa akka jiran Faanaa Diijitaaliif mirkaneessan.

Garuu jalqaba dhibee garaachaa itti fakkaatee mana yaalaa deemuu yaadachiisan.

Dhibee isaanii erga baranii baatii afur ta’uu eeruun, Kaansarichi sadarkaa 4ffaarra akka jiru beekuus himan.

Hordoffii wal’aansa taasisaa jiran cinatti hojii isaanii idilee fi kitaaba illee barreessaa jiraachuu dubbatan.

Hordoffii wal’aansaaf guyyaa beellamaa isaanii hospitaala akka deeman guyyaa biraa immoo hojii isaanii kan hojjetaan ta’uu kaasan.

Komishinar Laliseen komishiniin Tuurizimii Oromiyaa erga hundeeffamerraa kaasee hogganaa kan jiran yoo ta’u, qabeenyaa fi tuurizimii Oromiyaan qabdu addunyaaf beeksisuu keessatti gahee leencaa bahachuutu ragaa bahamaaf.

Qabeenyaa fi bakkeewwan hawwata tuurizimii naannoon Oromiyaa qabdu akka beekamuuf “ Visit Oromia’ hundeessuun hojii qabeenya kuufama kana beeksisuu cichoominan hojjechaa jiru.

Komishinar Laliseen cichoomina isaaniin miiliyoonota biratti jaalala horataniiru.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment