Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa kan turan Mitikkuu Kaasaan adabbii waggaa 13 fi Birrii kuma 50 adabamaniiru.
Mitikkuu Kaasaan haadha warraa fi mucayyoo isaanii waliin yakka malaammaltummaa cimaa shakkamanii himannaa irratti dhiyaateen badii raawwataniiru jedhame.
Dhaddachi Dhimmoota Malaammaltummaa ramaddii 5ffaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataa murtoo adabbii kana dabarseera.
Obbo Mitikkuun Naannoo Amaaraa, Afaar, Oromiyaa fi Naannoo Kibbaatti meeshaalee nyaataa fi nyaataan alaa deeggarsaaf dhiyaatu qaama deeggarsa barbaaduuf osoo hin gahin gurguruun dhimma dhuunfaaf oolchuu, deeggarsaa fi Liqaa sababa jedhuun karaa seeraan alaa maallaqa komishinichaa Birrii miiliyoona 100 dhimma hin malleef oolchaan jechuun himatamanii turan.
Haati warraa fi mucaan isaanii ammoo maallaqa karaa seeraan alaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuun yakkaan himatamaniiru.
Himatamtoonni kunneen yakka himatamaniin badii raawwataniiru kan jedhaman yoo ta’u, manni murtii yaadoota adabbii cimsanii fi salphisan erga dhaggeeffatee booda, obbo Mitikkuu Kaasan Adabbii cimaa waggaa 13 fi Birrii kuma 50, haati warraa isaanii aadde Soofiyaa Jamaal adabbii cimaa waggaa 8 fi baatii 4 fi Birrii kuma 3, mucaan isaan aadde Milkaa Mitikkuun adabbii waggaa 5 fi Birrii kuma 3 akka adabaman itti murteesseera.
Siifan Makonniintu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.