Komishinichi Ajandaa Diyaaspooraa walitti qabuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 25, 2017 (FMC) –Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kara onlaayiniin Diyaaspooraa biyyoota Afrikaa garaagaraa jiraatanirraa ajandaa marii walitti qabuu eegaleera.

Haaluma kanaan marii onlaayiniin gaggeeffameen lammiileen biyyoota Ijibti, Sudaan Kibbaa, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Bootsiwaanaa fi dhaalatoonni Itiyoophiyaa biyyoota Afrikaa garaagaraa jiraatan hirmaataniiru.

Waltajjicharratti Komishinarri Olaanaa Komishinichaa Piroofesar Masfiin Ar’ayaan, Hojiilee komishinichi hanga ammatti hojjatee fi kallattii fulduraarratti ibsa taasisaniiru.

Admaasuu Araaggaawutiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment