Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa hoggantootaa fi miseensoota Dhaabbata Ummata Amaaraa Faannoo hidhannoon socho’aa turan amma waamicha nageenyaa fudhachuun galan waliin mari’ataa jira.
Hidhannoon waliigaltee biyyaalessaa mo’achuu hin danda’au jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Maree Biyyaalessaa Piroofesar Masfin Ar’ayaan.
Haala hundeeffamaa fi hojii jajjaboo komichinichi hojjechaa jiru, akkasuma hojiilee yeroo itti aanu hojjechuuf karoorfate ilaalchisee qaamolee kanneeniif ibsi taasiifameera.
Hidhannoon mo’amaa fi mo’ataa uuma malee waliigaltee biyyaalessaa uumuu akka hin dandeenye hubachiisan Piroofesar Masfin.
Waliigalteen biyyaalessaa kan uumamu qaamoleen hundi dhimma biyyaarratti mari’achuuf murannoo qabanirraa ta’uu ibsan.
Garichi nageenya filachuun gara mariitti dhufuun isaa nageenya biyyaaf daran murteessaa ta’uu Komishinarri Komishinichaa Dooktar Yoonaas Adaayyeen ibsuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.