Komishinichi Itiyoophiyaanota ala jiraatan irraa ajandaa walitti qabuu eegale

Finfinnee, Hagayya 2, 2017(FMC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaanota biyyoota alaa jiraatan irraa ajandaa walitti qabuun eegalameera jedhe.

Dubbi Himaan Komishinichaa obbo Xibabuu Taaddasaa ibsa kennaniin, komishinichi Itiyoophiyaanota biyyoota alaa jiraatan irraa karaa marsariitiin ajandaa walitti qabaa jiraachuu kaasaniiru.

Guyyaa boruu bakka komishinaroonni Komishinii Marii Biyyaalessaa argamanitti Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti hojiin ajandaa walitti qabuu ni gaggeeffama jedhan.

Yeroo itti aanuttis Ameerikaa Kaabaa, Siwiidiinfi Eemreetota Araba Gamtoomaniitti ajandaa walitti qabuuf qophiin taasifamuu eeraniiru.

Itiyoophiyaanonni biyyoota alaa jiraatan marsaratii dhimma kanaaf qophaa’erratti akka galmaa’an waamicha dhiyeessaniiru.

Kibrawasan Nuuruutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment