Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC)- Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan ajandaalee yaa’ii marii bocuun ifoomsuufi yaa’ii waamuuf komishinichi qophii xumuraa jira jedhan.
Komishinichi mata duree “Hirmaannaa dhaabbilee amantaalee fi dhaabbilee siiviilii hawaasaa Itiyoophiyaa bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaaf” jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira.
Piroofeesar Masfin Ara’aayaan wayita kana marichi hunda hirmaachisaafi hammataa akka ta’uuf komishinichi hirmaattota adda baasuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.
Bakka bu’oota kutaalee hawaasaa, dhaabbilee amantaaleefi siiviilii hawaasaa dabalatee dhaabbileefi waldaalee, namoota beekamoo, paartilee siyaasaa akkasumas mootummaa hirmaachisuun akka danda’ame ibsaniiru.
Diyaaspooraanis adeemsa isaa keessatti akka hirmaataniif tattaaffiin taasifamuu eeraniiru.
Komishinichi yeroo ammaa ajandaalee yaa’iin marii biyyaalessaa irratti mari’atu bocuun ifoomsuufi yaa’icha waamuuf qophii taasisaa jiraachuus dubbataniiru.
Gara boqonnaa kanaatti cehuuf hojiileen hojjetamuu qaban jiraachuu eeranii, uummanni naannoo Tigraay fi qaamoleen qooda fudhattootaa garaagaraa ajandaa isaanii akka laataniifi yaa’icharratti akka hirmaatan gochuun hojii itti aanu ta’uu hubachiisan.
Paartilee siyaasaa sababoota garaagaraan hin hirmaatiin hafan gara adeemsa mariitti akka dhufan gochuuf tattaaffii taasisuun kan barbaachisu ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Kana malees gareewwan hidhannoon socho’an ajandaalee isaanii gara mariitti fiduun mari’achuun bu’aa qabeessummaa marichaaf dandeettii dabalataa waan ta’eef tattaaffii addaa gochuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Abbootiin dhaabbilee amantaa, hoggantoonni olaanoon, yaa’iin dhaabbilee amantaafi dhaabbileen siiviilii hawaasaa furmaata maddisiisuun gahee isaanii akka bahatan wamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.