Konfiraansiin Qorannoo seeraa dhimmoota mirgaa namoomaa fi ce’umsa haqaa Yuunivarsitii Booranaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Konfiraansiin Qorannoo seeraa dhimmoota mirgaa namoomaa ,ce’umsa haqaa fi sabdaneessummaa seeraa irratti xiyyeeffatte Yuunivarsitii Booranaatti gaggeeffamaa jira.

Konfiraansichi qopheessummaa Yuuniveristii Booranaa, dhaabbiilee seeraa federaalaafi Inistiityuutii haqaan kan qopha’eedha.

Pireezidaantii Yuuniversiitii Booranaa Dooktar Bokkuu Xaachee fi hoggantoota dhaabbiilee seeraa federaalaa dabalatee hayyoota Seeraa yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa gargaraa irraa dhufan Konfiraansicharratti hirmaataa jiru jedhame.

Kaayyoon konfiraansichaas Duudhaa,aadaafi safuun qabatamaan hawaasa keessa jiru haala akkamiin seeroota biyyattii waliin hojiirra ooluu akka danda’u qorannoo taasifama turerratti mari’achuuf ta’uun himameera.

Gammachuu Beekumaattu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment