Finfinnee, Mudde 18, 2018( FMC)- Konfiransiin Tumsa Dinagdee fi Daldala Bunaa Itiyoophiyaa – Chaayinaa miira tumsaa biyyoota lameenii kan calaqqisiisudha jedhan Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Konfiransiin Tumsa Dinagdee fi Daldala Bunaa Itiyoophiyaa – Chaayinaa Chaayinaa Bulchiinsa Hunaan Magaalaa Juujootti gaggeeffamaa jira.
Pirezidaanti Taayyeen Konfiransicha ilaalchisee ergaa dabarsaniin, Konfiransichi waa’ee bunaa irratti mari’achuuf qofa osoo hin taane tuma waaraa biyyoota lameenii kabajuufis akka ta’e ibsan.
Itiyoophiyaa biyya argama bunaa ta’uufi biyyattii bakkeewwan adda addaatti bunni kan oomishamu ta’uu ergaa isaaniin kaasaniiru.
Oomishni bunaa lafee dugdaa diinagdee Itiyoophiyaa ta’uufi sharafa alaa argamsiisuu %30 qooda qabaachuu eeraniiru.
Bu’uura hammattoo tumsaa Chaayinaa- Afrikaan Itiyoophiyaafi Chaayinaan dameewwan ce’umsa indaastiriif bu’uura ta’an qonna, misooma magariisaa, invastimantiifi bu’uuraalee misoomaan mul’ata waloo qabaachuu eeraniiru.
Waltajjiiwwan akka kanaa oomisha bunaa Itiyoophiyaaf carraa gabaa bal’isuuf barbaachisaa ta’uu ibsuun qaamolee konfiransicha qopheessan galateeffataniiru.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.