Finfinnee, Sadaasa 4, 2018 (FMC)- Konfiransiin duudhaa nageenyaafi waldanda’uu ijaarsa biyyaafi dhalootaa Sadarkaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Konfiransichi Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalichaan kan qophaa’e yoo ta’u waltajjicharratti Abbootiin Amantaalee, jaarsoliin biyyaa, dargaggoonnii fi bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachaa jiru.
Duudhaaleen nageenyaa mandhaleen ijaarsa nageenyaaf qooda olaanaa waan qabaniif haalaan fayyadamuun barbaachisaa akka ta’e ibsameera.
Imala badhaadhinaa magaalaa Finfinnee dhugoomsuuf nageenyi murteessaa ta’uufi milkaa’ina isaaf hojjechuun akka barbaachisus eerameera.
Salamoon Yittaayyawutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.