Finfinnee, Hagayya 6, 2017(FMC) –Kontiraakteroonni 120 ta’an biyyoota ollaa fi idil addunyaatti dorgomtoota akka ta’aniif hojjetamaa jira jedhan Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Caaltuu Saaniin.
Akka ibsa isaaniitti, karoora waggaa 10 keessatti carraan hojjii akka uumamuu fi fayyadamummaan lammiilee haqa qabeessa ta’e akka mirkanaa’uuf hojjetamaa jira.
Yeroo ammaas kontiraakteroonni biyya keessaa 70 caalan misooma koriidarii magaalotaa irratti bobba’anii hojjechaa jiru.
Fuulduraafis damee kana qulqullinaan guddisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru.
Inisheetiiviin Ce’umsa Indaastirii Konistiraakshinii Waggoota 25 qindoomina kan cimsuu fi dhaabbileen biyya keessaa sadarkaa Afrikaatti ashaaraa isaanii akka kaa’aniif haala kan miiessuu dhas jedhan.
Kontirakteroonni 20n waggaa muraasa keessatti sadarkaa Afrikaa fi idil addunyaatti dorgomtoota akka ta’aniif ni hojjetamas jedhan.
Rakkoo gama indaastiriin mudachaa jiru furuuf qindoominni dhaabbilee fi qooda fudhattootaa akka barbaachisus hubachiisaniiru.
Layikuun Alamtu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.