Finfinnee, Sadaasa 1, 2018 (FMC) – Koreen rakkoo Godina Arsiitti mudatee ture akka qulqulleeffatuuf hundaa’e gabaasa isaa jalqabaa guyyaa har’aa ifoomseera.
Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa koree qaamolee qooda fudhattootaa irraa walitti babba’e hundeessuun rakkoo Godina Arsii aanaalee Gunaa, Martii, Sharkaa fi Holoonqoo Waabiitti mudate akka qulqulleessuuf bobbaasuun eerameera.
Korichi aanaalee godinichaa afur deemuun dhimmicha guyyoota shaniif erga qulqulleeffateen booda karaa Walitti qabaafi Itti aanaa Walitti qabaa gabaasa isaa jalqabaa ifoomseera.
Haaluma Kanaan aanaalee kanneenitti namoonni ajjeefamuu, ukkaamfamuufi qabeenyi barbadaa’uu hawaasa naannichaafi qaamolee miidhaan irra gaherraa odeeffannoo argachuu ibseera.
Namoonni ajjeeffamaniifi lammiileen miidhaan qaamaa irra gaheefi qabeenyi jalaa barbadaa’e hordoftootaafi tajaajiltoota amantaa tokkoo akka hin taane gabaasa isaan eereera.
Naannawichatti amantaafi sabaan osoo hin qoodiin ajjeechaafi haleellaan raawwatamuus ibseera.
Qaamoleen yakka kana raawwatanis maqaa garaagaraan kan of waamaniifi humni nageenyaa mootummaa naannawaa rakkoon mudatetti wayita socho’u naannawaa sana ariitiin gadhiisuun bosona keessa kan dhokatan ta’uu hawaasa naannawaarraa hubachuu akka danda’e korichi kaaseera.
Walitti qabaan korichaa Malaa’ika Salaam Daawwit Yaared rakkichi qaama tokko irratti kan qiyyaafate akka hin taane ibsan.
Walitti qabaa itti aanaan korichaa Hajii Abdulhaakim Huseen gama isaaniin, rakkichi amantaa yookaan ammoo saba kan bu’uureffate akka hin taane hubachiisaniiru.
Korichi lammiilee naannawichaaf eegumsa gahaan taasifamuu akka qabu ibsuu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.