Kutaaleen hawaasaa Magaalaa Goondarii dhufan hojiilee misoomaa Amboo fi Wancii daawwatan

Finfinnee, Qaammee 3, 2017 (FMC) – Kutaaleen hawaasaa Magaalaa Goondarirraa walitti babba’an hojiilee misoomaa Amboo fi Wancii daawwataniiru.

Misooma Koriidarii Magaalaa Amboo, Gadaamii seenaa qabeessa Qulqulluu Qiirqoos, akkasuma Ikkoo Tuurizimii Wancaa fi Dandii daawwataniiru.

Ministira Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allebal, Gorsaa Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Diyaaqoon Daani’eel Kibrat dabalatee abbootiin amantaalee, jaarsoliin biyyaa fi kutaaleen hawaasaa biroo daawwanicharratti hirmaataniiru.

Daawwattoonni kunneen simannaa kabajaa wayita Amboo fi Wancii gahan taasifameef galateeffataniiru.

Iddooleen seenaa qabeeyyiin kunneen walitti hidhamiinsi Itiyoophiyaa seenaa duriirraa madduu agarsiiftuu ta’uu kaasan daawwattoonni.

Itiyoophiyaan biyya tokkummaa fi guddina ummata isheef dhama’aa jirtu ta’uu mul’iftuudha jedhan.

Bulchiinsi Magaalaa Goondar Piroojektoota Godambaa Gadaamii Seena qabeessa kanaa hojjetamaa jiru deeggaruuf waadaa galeera.

Kantibaan magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuun gama isaaniin, daawwannaa jiraattoonni magaalaa Goondar magaala isaanitti taasisanitti gammaduu eeruun, Itiyoophiyaan seenaa madda tokkorraa madde qabaachuu hubachuun murteessaa ta’uu dubbatan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment