Labsichi alseerummaa bobbii alaarratti mul’atu hambisa

Finfinnee, Adoolessa 17,2017(FMC)- Ministeerri Hojiifi Ogummaa labsiin bobbii hojii alaa haaraan gochaa alseerummaa faddaaltonni adeemsa bobbii alaarratti raawwatan hambisa jedhe.

Labsiin bobbii hojii alaa Itiyoophiyaa labsii lakkoofsi 1389/2017 tibbana raggaasifamuun isaa kan yaadatamudha.

Ministeera Hojiifi Ogummaatti Dursaan Hojii Raawwachiisaa bobbii hojii alaa Ermiyaas Takluun akka jedhanitti, labsichi mirgaafi nageenya lammiilee kan eegsisudha.

Gochaa alseerummaa faddaaltonni adeemsa bobbii alaarratti raawwatan kan hambisudhas jedhan.

Hojimaata lammiileen tuttuqqaa faddaaltotaa malee karaa sirna odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaan ittiin galmaa’aniifi odeeffannoowwan biroo ittiin guutan mijeessuus kaasaniiru.

Labsichi filmaatawwan carraa hojii babal’isuurra darbee biyyattiin galii dammicharraa argachuu qabdu haalaan akka argattu dandeessisa jedhan.

Ministeerichatti Itti gaafatamtuun kutaa seeraa aadde Sittiinaa Mangistuu gamasaaniin, labsichi mirga, nageenyaafi kabaja lammiilee eegsisuuf kan gargaaru ta’uufi maallaqa wabiis hammachuu eeraniiru.

Feevan Bishawutu Gabaase.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment