Finfinnee, Caamsaa 28, 2017 (FMC) – Labsiin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa meeshaa filatamaa ilaacha gargaaramtummaa irraa ce’uun olaantummaa biyyaa guutuu mirkaneessuuf gargaaruudha jedhan miseensonni Mana Maree Bakka-bu’oota Uummataa.
Manni Marichaa walga’ii isaa 34ffaan labsii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa raggaasiseera.
Mana Marichaatti Itti aanaan Walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nagaa Dooktar Fatih Mahaadii, adeemsa qophii labsichaa ilaalchisee mana marichaaf gabaasaa fi yaada murtii dhiyeessaniiru.
Labsiin kun yaada cimaa ilaalcha gargaaramtummaa irraa bilisoomuun humna biyya keessaan deebi kennuuf gargaaru of keessaa qaba jedhan.
Dabalataanis labsichi sirna hoggansa sodaa balaa diriirsuun seerrata mootummooleen federaalaa fi naannoolee ga’ee fi ittigaafatama isaanii sirnaan ittiin ba’an akka of keessaa qabus ibsaniiru.
Hojiiwwan simannaa soda balaa karoorawwan fi sagantaalee misoomaa waaraa waliin qindeessuun qajeeltoowwan kenninsa deeggersa namoomaa akka hordofu kan dandeessisu ta’uus dubbataniiru.
Kanaanis ijaarsa balaan dura, yeroo balaa fi balaa booda hojiiwwan dursanii ittisuu fi deebisanii dhaabuu karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf gargaaru akka uumus ibsaniiru.
Adeemsa qophii labsichaa keessatti biyyoota sirna federaalaa hordofan sagal irraa muuxannoon waan fudhatameef, galteen fooyya’aan kan itti dabalame ta’uu kaasuun, Manni Marichaa labsicha akka raggaasisuuf yaada murtoo dhiyeessaniiru.
Labsichi ilaalcha gargaaramtummaa fi eeggattummaa irraa kan bilisoomsu, olaantummaa biyyaa eegsisuu kan dandeessisuu fi dudhaalee walgargaaruu mandhalee kan cimsuudhas jedhan.
Galiiwwan ittifufuun uummatarraa walitti qabaman seera, danbii fi qajeelfama karaa hordofeen cimanii akka itti fufan kan hubachiise Manni Marichaa, labsii Hoggansa Sodaa Balaa Lakk.1386/2017 sagalee guutuun raggaasiseera.