Finfinnee, Amajjii 24, 2018 (FMC) – Labsiin Korojoowwan pilaastikaa al tokko qofa faayidaa kennan dhorkuuf ba’e kaleessaa eegalee hojiirra ooluu eegaleera jedha Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo.
Labsii kana hojiirra oolchuuf daangaan yeroo ji’a ja’aa kennamee ture Amajjii 23/2018 waan xumurameef labsichi hojiirra ooluun adabsiisuu eegaleera.
Babal’ina magaalotaa, dabala baay’inni uummataa, guddina dinagdee fi jijjiirama haala jireenyaan walqabatee korojoowwan pilaastikaa al tokko faayidaa erga kennanii booda gara naannootti akka gataman ibsameera.
Bu’aaleen pilaastikaa kunniin erga gatamanii booda utuu hinbososin waggaa 100 oliif biyyoo keessa waan turaniif qaamolee bishaaniinfaaluu, lubbu qabeeyyii miidhuu fi oomishaa fi oomishtummaa irratti dhiibbaa geessisuu bira darbanii fayyaa namaa fi naannoo irratti miidhaa akka geessisanis ibsameera.
Kanaafis mirga lammiileen naannoo qulqulluu fi fayya qabeessa keessa jiraachuuf qaban mirkaneessuufi fayyaa lammiilee kaanserii fi dhibeewwan biroo irraa eeguun sirna qabiinsa naannoo itti fufaa ta’e diriirsuuf, mootummaan korojoowwan al tokko qofa hojiirra oolan oomishuun, biyya keessa galchuun, kuusuun, gurguruunfi fayyadamuun labsii qabiinsaa fi dhabamsiisa kosii goggogaa lakk 1383/2017n dhorkaa ta’uu labseera.
Korojoowwan pilaastikaa Amajjii 23, 2018 irraa eegalee namni fayyadame ykn fayyadamuuf harkatti qabatee argame kamuu adabbii maallaqaa birrii kuma lamaa gadi hintaanee fi kuma shan hincaalleen akka adabamu murtaa’eera.
Kanaafis namni kamuu seera kana kabajuun ofii fi naannoo isaa faalama pilaastikaa irraa akka eegu, akkasumas gaafatamummaa seeraa irraa of eeguun dirqama lammummaa isaa akka ba’u Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo dhaameera.
#Oromia #Ethiopia