Labsiin manneen murtii aadaaf beekamtii kennu ragga’e

Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Labsiin naannoolee afur keessatti manneen murtii aadaaf beekamtii kennu ragga’uu Ministirri Haqaa Haannaa Ari’ayasillaasee ibsan.

Haaromsawwan sirna haqaa irratti bara 2017 keessa hojiirra oolaniin Naannoolee Amaaraa, Beenishaangul Gumuz, Sidaamaa fi Kibba Lixa Ityoophiyaatti manneen murtii aadaatiif labsiin beekamtii kennu ragga’uu ministirittiin ibsaniiru.

Sirni haqaa Itiyoophiyaa biyyoota alaarraa kan waraabame ta’uun damichatti qormaatilee akka ta’e dubbatanii, furuufis sirni haqaa hawaasa bu’uureffate hojiirra ooluu eegaleera jjedhan.

sirni haqaa hawaasa bu’uureffate kunis sirnoota jaarsummaa fi dhaddachaa naannoolee biyyattii keessa jiran bu’uureffatee seera kan qabateedha jedhan.

kunis hanqinoota kanaan dura sirna kaasan keessatti mul’achaa turan kan guutu ta’uu fi muuxannoowwan gaggaarii kanneen babal’isuufis manneen murtii aadaa hundeessuuf qorannoowwan gargaaran qoratamaa jiraachuu kaasaniiru.

Qaala’aab Girmaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment