Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Bara oomisha kana Lafa qonnaaf oolu kan Asiidummaan miidhame hektaara kuma 300 yaaluuf qophiin xumuramuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Sadarkaa biyyaatti Lafa qonnaaf oolu keessaa % 40 Asiidummaa biyyoon kan miidhame ta’uu ministeerichatti dursaan hojii misooma qabeenya biyyoo obbo Liiree Abiyyeen dubbataniiru.
Lafa qonnaaf oolu kana yaaluuf qonnaan bultoota waliin tumsaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Asiidunmmaa biyyoo hir’isuuf baroota darban keessa hojiin hojjetame bu’aa argamsiisuu obbo Liireen Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif himaniiru.
Tsaggaayyee Nigustu gabaase.