Finfinnee, Hagayya 2, 2017(FMC)- Lakkoofsi herrega baankii namoota yakka sharafa seeraan alaan shakkamanii 138 akka hin sochoone dhorkamuu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii ifoomse.
Sosochiin maallaqaa shakkamtoota sirna baankii seera qabeessaafi idilee cinaatti dhiisuun sharafa seeraan alaa irratti bobba’uun shakkaman 138 dhorkamuu tajaajilichi beeksiseera.
Tajaajilli sharfa alaa karaa seera qabeessaan sirna baankii idileen akka raawwatamu ifatti kaa’amuus hubachiiseera.
Karaa seeraan alaa tajaajila sharafa alaarratti bobba’uun itti gaafatamummaa seeraa kan hordofsiisu ta’uus yaadachiiseera.
Yakkicharratti hirmaachuun qabeenyi dhaalamuu dabalatee adabbii hidhaa cimaa kan hordofsiisu waan ta’eef hawaasni daldalaa sirna baankii idilee akka fayyadamu mootummaan hubachiisaa turuu eereera.
Haa ta’u malee dhaabbileen daldalaa fi namoonni tokko tokko yakka sharafa seeraan alaa akka hojii daldalaa idileetti fudhachuun socho’aa turuufi hordoffiin taasifamaa akka ture tajaajilichi TOI’f ibseera.
Bu’uuruma Kanaan lakkoofsi herrega baankii namoota yakka sharafa seeraan alaan shakkamanii 138 akka hin sochoone dhorkameera jedhe.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.